Miiljalee
b Laamek ilmasaa Nohi jedhee moggaase; kunis tarii “Boqonnaa” ykn “Jajjabina” jechuu taʼuu dandaʼa. Laamek, Nohi ilmaan namootaa lafa abaaramterratti dhamaʼuurraa boqochiisuudhaan hiika maqaasaa akka raawwatus raajii dubbateera. (Uma. 5:28, 29) Taʼus, Laamek raajiin inni dubbate yommuu raawwatamu hin argine. Haati Nohiifi obboloonnisaa Bishaan Badiisaatiin dhumanii taʼuu dandaʼa.