Miiljalee
c Wangeelli Luqaas qorumsawwan kana tartiiba adda taʼeen tarreesse; Wangeelli Maatewos garuu duraa duuba yerootiin akka tarreesse haala isaa irraa hubachuun ni dandaʼama. Sababiiwwan akkas itti jennu sadii ilaalaa. (1) Maatewos qorumsa isa lammaffaa kan jalqabe jecha “achiis” jedhuun yeroo taʼu, kun qorumsa jalqabaatti aansee akka jiru argisiisa. (2) Qorumsawwan haxxummaadhaan dhihaatan lamaan yaada, “Ilma Waaqayyoo yoo taate” jedhuun jalqabu; qorumsawwan kun kan dhihaatan Seexanni Yesuus ajajawwan kurnan keessaa isa jalqabaa akka cabsu isa qoruu isaa dura dha jedhanii yaaduun sirrii fakkaata. (Bau. 20:2, 3) (3) Wanti Yesuus, “Seexana nana, na duraa deemi!” jechuudhaan dubbate caalaatti sirrii kan taʼu qorumsa sadaffaa fi isa dhumaa booda yoo dubbatame dha.—Mat. 4:5, 10, 11.