Miiljalee
b Jechi “hinaaffaa” jedhu Yihowaan amanamummaadhaaf iddoo guddaa akka kennu argisiisuuf kan itti hojjetame dha. Jechi kun abbaan manaa tokko haati manaa isaa amanamtuu yoo taʼuu baatte miira aarii isatti dhagaʼamu nu yaadachiisa taʼa. (Fak. 6:34) Akkuma abbaa manaa kanaa, Yihowaanis sabni isaa warri isaa wajjin kakuu galan amanamoo taʼuu diduudhaan yommuu fakkii waaqeffatanitti miirri aarii akkasii isatti dhagaʼamuun isaa sirrii dha. Barreeffamni tokko akka jedhetti, “hinaaffaan Waaqayyoo . . . qulqullummaa isaa irraa kan maddu dha. Inni qofti qulqulluu waan taʼeef . . . eenyu iyyuu akka isa morkatu hin heyyamu.”—Bau. 34:14.