Miiljalee
c Aadaan sirna awwaalaa Kiristiyaana tokkorra dhiibbaa kan geessisu yoo taʼe, naannoowwan akkasiitti jaarsoliin kaadhimamtoonni cuuphaa gara fuulduraatti maaltu akka isaan eeggatu isaan qopheessuu dandaʼu. Gaaffiiwwan Buukleetii, ‘Dhaqaa, Isaan Cuuphuudhaan, Bartootakoo Godhaa!’ jedhamurratti mariʼachuuf kaadhimamtoota kanaa wajjin yommuu walgaʼan gaaffiiwwan Lubbuu, Cubbuufi Duʼa, akkasumas Garee Amantii Kaanii Wajjin Sirna Waaqeffannaa Raawwachuu jedhamaniif xiyyeeffannaa addaa kennuu qabu. Matadureewwan kun gaaffiiwwan dabalataa mareedhaaf gargaaran qabataniiru. Namni cuuphamuuf qophaaʼe tokko sirna awwaalaa deggersa Caaffata Qulqullaaʼoo hin qabne ilaalchisee wanta Dubbiin Waaqayyoo jedhu akka hubatu gochuuf jaarsoliin yaada dabalataa kennuufii dandaʼu.