Miiljalee
a Raastafariyaan kan jedhaman garee miseensa amantaa Jaamaayikaa yeroo baayʼee rifeensa isaanii dheeraffatanii fi mootii Itoophiyaa Haayila Sillaasee akka waaqaatti waaqeffatani dha.
“Aarii Koo Toʼachuu Baradheera.”—MAARTIINOO PEEDREETII
UMURII: 43
BIYYA DHALOOTAA: AWUSTIRAALIYAA
SEENAA: NAMA QORICHA SAMMUU NAMAA HADOOCHU GURGURAA TURE
JIREENYA KOO DURAA: Yeroon ijoollee turetti warri koo yeroo baayʼee bakka jiraatan ni jijijjiiru turan. Magaalota xixinnoo fi guguddaa, akkasumas yeroo muraasaaf baadiyyaatti mishiinii Pirootestaantii keessa jiraadheera. Baadiyyaatti yeroo gaarii eessumootaa fi firoota koo kaanii wajjin qurxummii qabuudhaan, adamoo dhaquudhaan, meeshaalee ittiin taphatanii fi wantoota kan biroo hojjechuudhaan dabarse matumaa hin irraanfadhu.
Abbaan koo nama buunyaa taphatu waan tureef, wal reebuu kan na barsiise xinnummaa kootti ture. Kanaafuu yeroo hundumaan namootaa wajjin wal lola ture. Yeroon umurii waggoota kurnanii keessa turetti, yeroo koo harka caalaa isaa kanan dabarsu manneen dhugaatii keessatti dhuguudhaan ture. Anii fi hiriyoonni koo taʼe jennee namoota dubbii barbaanna turre. Achiis cuubee fi ulee qabannee namoota 20 ykn isaa ol taʼan lolla turre.
Maallaqa kanan argadhu qoricha sammuu namaa hadoochuu fi meeshaalee namoonni buufata dooniitii hojjetan hatan gurguruudhaan ture. Kana malees, namoota qoricha sammuu namaa hadoochuu gurguraniif maallaqan sassaaba, namoota liqiin isaan irra jiru immoo qawwee fi shugguxiidhaan doorsiseen namoota qoricha sammuu namaa hadoochuu gurguraniif maallaqa harkaa fuudha ture. Kaayyoon koo nama maallaqaan qacaramee nama ajjeesu taʼuu ture. Akeekni ani ittiin geggeeffamu ajjeesi ykn ni ajjeefamta kan jedhu dha.
KITAABNI QULQULLUUN KAN NA JIJJIIRE AKKAMITTI? Waaʼee Dhugaa Baatota Yihowaa ijoollummaa kootti dhagaʼeen ture. Yeroon jalqaba umurii waggoota 20mmannii keessa turetti, haadha tiyya bakka Dhugaa Baatonni Yihowaa jiran kan beektu taʼuu ishii gaafadhee akkan ture nan yaadadha. Guyyaa lama booda, Dhugaa Baatuun Diiksan jedhamu dhufee balbala koo rurrukute. Saʼaatii muraasaaf erga mariʼannee booda, walgaʼii Dhugaa Baatota Yihowaa irratti akkan argamu na affeere. Anis walgaʼii sana irratti nan argame; amma walgaʼii kana irratti argamuu ergan jalqabee gara waggaa 20 olii taʼeera. Dhugaa Baatonni gaaffii koo hundaaf Kitaaba Qulqulluu irraa deebii naa kennu turan.
Yihowaan namoota hamoo taʼan dabalatee namoota hundumaaf kan yaadu taʼuu isaa barachuun koo na gammachiiseera. (2 Pheexiros 3:9) Inni yeroo namni naaf yaadu tokko illee hin jirretti, Abbaa jaalala qabeessa na barbaadu taʼuu isaan hubadheera. Kana malees, akkaataa jireenya koo yoon jijjiire dhiifama akka naaf godhu hubachuun koo boqonnaa guddaa naaf argamsiiseera. Caqasni Kitaaba Qulqulluu Efesoon 4:22-24 irra jiru jijjiirama guddaa akkan godhu na gargaareera. Yaanni caqasicha irra jiru, ‘namummaa moofaa of irraa baasee akkan gatuu’ fi ‘namummaa haaraa isa akka fedhii Waaqayyootti uumame akkan uffadhu’ na jajjabeesseera.
Akkaataa jireenyaa koo jijjiiruun yeroo dheeraa natti fudhateera. Torban guutuu qoricha sammuu namaa hadoochu utuu hin fudhatin ergan dabarsee booda, Sanbadduraa fi Dilbata yeroon hiriyoota koo wajjin taʼu araada kanaanan moʼama ture. Akkaataa jireenyaa koo jijjiiruu yoon barbaade hiriyoota koo irraa fagaachuu akkan qabu waanan hubadheef, magaalaa kan biraa dhaqee jiraachuufan murteesse. Hiriyoonni koo tokko tokko na geggeessuu akka barbaadan yommuu na gaafatan, anis yaada isaanii irrattin walii gale. Utuu waliin deemaa jirruu maariwaanaa xuuxuu jalqaban, anis akkan xuuxu na affeeran. Araada kana dhiisaa akkan jiruun isaanitti hime, achiis daangaa irraa kaasee kophaa koon imala koo itti fufe. Utuma baayʼee hin turinis hiriyoonni koo qawweedhaan doorsisanii baankii akka saamaniin dhagaʼe.
FAAYIDAA ANI ARGADHE: Hiriyoota koo irraa yommuun adda baʼu jireenya koo keessatti jijjiirama barbaachisuu gochuun caalaatti salphaa naaf taʼe. Kanaafuu, bara 1989tti cuuphamee Dhugaa Baatuun taʼe. Ergan cuuphamee booda, obboleettiin tiyya, haati tiyyaa fi abbaan koo Yihowaa tajaajiluu jalqabaniiru.
Amma ergan fuudhee waggoonni 17 darbaniiru; ijoollee babbareedoo sadiis godhadheera. Amma yeroo namoonni na aarsanitti illee aarii koo toʼachuu baradheera. Kana malees, namoonni sanyiin, ‘gosnii fi qooqi’ isaanii maal iyyuu yoo taʼe namoota hunda jaallachuu baradheera. (Mulʼata 7:9) Wanti Yesuus akkana jechuudhaan dubbate dhugaa taʼuu isaa jireenya koo keessatti arguu dandaʼeera: “Isin dubbii kootiin yoo jiraattan dhuguma barattoota koo ti; dhugaa ni beektu, dhugaanis bilisa isin baasa.”—Yohaannis 8:31, 32.