Miiljalee
b Namoonni Macaafa Qulqulluurratti ibsa kennan tokko tokko, yaanni “gogaan qooda gogaati” jedhu, Iyoob gogaansaa ykn lubbuunsaa hamma hin tuqamnetti, ofittummaadhaan kakaʼee, ijoolleensaafi horiiwwansaa gogaasaanii ykn lubbuusaanii akka dhaban ni heyyama jechuu taʼuu akka dandaʼu amanu. Warri kaanimmoo, yaanni kun namni tokko jireenyasaa oolchuuf jecha hamma tokko gogaasaa dhabuuf fedhii akka qabaatu kan argisiisu taʼuusaa amanu. Fakkeenyaaf, namni tokko wanta mataasaa dhaʼuuf jedhu ofirraa ittisuuf harkasaa ofirra qabachuu dandaʼa; kana jechuun, qaamasaa isa tokko oolchuuf qaamasaa isa kaanirra balaan akka gaʼu heyyama jechuudha. Hiiknisaa maaliyyuu yoo taʼe, Iyoob lubbuusaa dhabuu mannaa waan hundumaa gammachuudhaan kenna yaada jedhu dabarsa.