Miiljalee
b Arki’ooloojistoonni naannoo Shiinaaritti hambaalee ijaarsa piraamiidii fakkaataniifi gamoo waaqeffannaa yaabbannoo qaban hedduu lafa keessaa argataniiru. Macaafni Qulqulluun namoonni Baabelitti gamoo ijaaruuf dhagaatti utuu hin ta’in xuuphiitti, wal qabsiisuufimmoo leeleetti akka fayyadaman ibsa. (Uumama 11:3, 4) Mesophotaamiyaa keessa leeleen baay’ee ta’us, dhagaan ‘matumaa hin jiru ture jechuun ni danda’ama’ jechuudhaan kitaabni Za Niiwu Insaayikilooppeediyaa Biritaanikaa jedhamu ibseera.