Miiljalee
a Phaawulos, Hojii Ergamootaa 20:29, 30rratti, gumii Kiristiyaanaa keessaa, ‘namoonni dubbii dhugaa jal’isuudhaan amantoota garagalchanii of duukaa buusan akka ka’an’ dubbateera. Yeroo booda, warra gumii keessatti itti gaafatamummaa qabaniifi miseensota gumii gidduutti garaagarummaan uumamuu jalqabe. Dh.K.B. jaarraa sadaffaatti, “inni hamaan seera malee jiraatu,” jechuunis gareen geggeessitoota amantii Saba Kiristiyaanaa ifa ba’e.—Masaraa Eegumsaa, Guraandhala 1, 1990, fuula 10-14 ilaali. (Ingiliffa)