Miiljalee
b Faarfannaa Deboraan qindeessite irraa hubachuun akka dandaʼamutti, Siisaaraan yeroo baayʼee waraanaa yommuu deebiʼu durboota, al tokko tokko immoo loltoota isaatiif durba tokkoo ol boojiʼee akka deebiʼu ibsa. (Abboota Firdii 5:30, NW) Jechi caqasa kana irratti “durba” jedhamee itti hojjetame kallattiidhaan “gadameessa” jechuu dha. Jechi kun dubartoonni sun caalaatti kan barbaadaman isaanii wajjin saalqunnamtii akka raawwatan qofa taʼuu isaa nu yaadachiisa. Yeroo sanatti dirqisiisanii gudeeduun balʼinaan kan raawwatamu taʼuu hin oolu.