Miiljalee
b Yeroo baayʼee caqasoonni Kitaaba Qulqulluu Afaan Ibrootaa Kakuu Haaraa keessatti yeroo caqasaman hiikkaa Saptuujantii Giriikii irraa akka fudhatamaa turan beekamaa dha. Koppiiwwan Saptuujantii yeroo booda qophaaʼan maqaa Waaqayyoo waan hin qabneef, hayyoonni hedduun maqaan kun Kitaaba Qulqulluu Maatewos-Mulʼata keessattis itti dabalamuu hin qabu jedhanii falmu. Haa taʼu malee, koppiiwwan Saptuujantii durii yeroo ammaatti argaman maqaa Yihowaa qubee Afaan Ibrootaatiin barreeffame qabu. Kun maqaa Yihowaa Kitaaba Qulqulluu Maatewos-Mulʼata keessa galchuuf ragaa cimaa nuu taʼa.