Miiljalee
a Kiristiyaanni tokko bineensa nyaataaf adamsuu ykn bineensa bosonaa irraa of eeguuf meeshaa waraanaa (kan akka shugguxii ykn qawwee) qabaachuuf murtoo mataa isaa gochuu dandaʼa. Haa taʼu malee, yeroo itti hin fayyadamnetti, meeshaalee akkasii keessaa rasaasa baasuun, tarii immoo hiikanii kaaʼuun, akkasumas bakka namni hin geenye kaaʼuun isaa barbaachisaa dha. Qawwee qabaachuun bakka seeraan dhowwaa taʼetti, iddoo daangeffametti ykn karaa kan biraa to’anaan itti godhamutti immoo Kiristiyaanonni seeraaf ajajamuu qabu.—Rom. 13:1.