Miiljalee
a Baʼuu 34:5-7 (NW): “Yihowaan duumessa keessa gad buʼee achitti isa bira dhaabatee maqaa Yihowaa isaa isatti labse. Achiis Yihowaan isa dura ni darbe, akkana jedhees ni labse: ‘Yihowaa, Yihowaa, Waaqa araara qabeessaa fi gara laafessa, aariitti suuta jedhaa fi jaalala amanamaa guddaa fi dhugaa kan qabu, kumaatamatti jaalala amanamaa kan argisiisu, dogoggora, irra daddarbaa fi cubbuu kan dhiisu, isa cubbamaa garuu matumaa utuu hin adabin kan hin dhiisne, dogoggora namootaa ilmaan isaanii fi ilmaan ilmaan isaanii irratti, hamma dhaloota sadaffaa fi dhaloota arfaffaatti kan isaan irratti fidu dha.’”