Miiljalee
b Miira faarfachuuf qabnu kakaasuuf, sagantaan walgaʼii naannoo fi walgaʼii guguddaa hundi muuziqaa daqiiqaa kudhaniitiin jalqabu. Muuziqaawwan meeshaadhaan qindaaʼan kun, garaa keenyaa fi sammuu keenya sagantaa itti aanuuf qopheessuuf gargaaru. Kanaafuu, jalqabumaa kaasee teessuma keenya irratti argamuudhaan muuziqaa sagantichi ittiin jalqabamu xiyyeeffannaadhaan akka dhaggeeffannu jajjabeeffamna.