Miiljalee
a Namoonni hedduun Kitaabota Qulqulluu tokko tokko irratti yaadni Yohaannis 7:53–8:11 irratti argamu afaan jalqaba Kitaabni Qulqulluun ittiin barreeffame irra akka hin jirree fi dabalata akka taʼe hin hubatan. Namoonni tokko tokko caqasa kana irratti hundaaʼanii nama cubbuu hin qabne qofatu namni tokko ejja raawwachuun isaa cubbuu dha jechuu dandaʼa jedhanii falmu. Haa taʼu malee, seerri Waaqayyo saba Israaʼeliif kenne, “Namni tokko dubartii dhirsa qabduu wajjin utuu ciisuu yoo argame, lamaanuun isaanii, namichi inni ishee wajjin ciisee fi dubartittiin haa ajjeefaman!” jedha.—Kes. 22:22.