Miiljalee
b Namoota Armaagedoon irraa oolan keessaa tokko tokko hirʼina qaamaa kan qaban taʼuu dandaʼu jedhanii yaaduun sirrii dha. Yesuus yeroo lafa irra turetti, namoota “dhibee gosa hundumaa” qaban kan fayyise siʼa taʼu, kunis warra duʼaa kaafamaniif utuu hin taʼin, warra Armaagedoon irraa oolaniif maal akka godhu argisiisa. (Mat. 9:35) Warri duʼaa kaafaman fayyaa guutuu akka qabaatan hin shakkisiisu.