Miiljalee
a Hundi keenya akkuma Daawit faarfatichaa Yihowaa ni jaallanna akkasumas isa jajachuun nu gammachiisa. Yihowaa waaqeffachuuf gumii keenya keessatti yommuu walitti qabamnu, jaalala Waaqayyoof qabnu ibsuuf carraa adda taʼe qabna. Haa taʼu malee, nu keessaa tokko tokko walgaʼii keenya irratti yaada kennuun isaanitti ulfaata. Rakkinni akkasii isin mudachaa kan jiru yoo taʼe, mata dureen kun wantoota isin sodaachisan adda baastanii akka beektanii fi rakkoowwan kana moʼuuf akka hojjettan isin gargaara.