Miiljalee
a Yihowaadhaaf amanamoo taanee jiraanna moo, Seexanni nu gowwoomsee Waaqayyo irraa akka nu fageessu heyyamna? Deebiin gaaffii kanaa qorumsi cimaan nu irra gaʼuu fi dhiisuu isaa irratti utuu hin taʼin, garaa keenya akka gaariitti eeggachuu fi dhiisuu keenya irratti kan hundaaʼe dha. Jechi “garaa” jedhu hiika maalii qaba? Seexanni garaa keenya mancaasuuf kan yaalu akkamitti? Garaa keenya eeguu kan dandeenyu hoo akkamitti? Mata dureen kun gaaffiiwwan barbaachisoo taʼan kanaaf deebii kenna.