Miiljalee
b IBSA JECHAA: Garraamummaa. Namoonni garraamii taʼan namoota kaanii wajjin walitti dhufeenya gaarii qabu, akkasumas yeroo namoonni kaan isaan aarsuuf yaalanitti illee obsa argisiisu. Gad of qabuu. Namoonni gad of qaban hin kooran ykn of hin tuulan; kanaa mannaa, warri kaan akka isaan caalanitti ilaalu. Gad of qabuun Yihowaa wajjin haala wal qabateen yommuu itti hojjetamu, warra isaa gad jiran jaalalaa fi gara laafinaan akka isaan qabu argisiisa.