Miiljalee
a Namoonni ijoollummaa isaaniitti gudeedaman waggoota hedduu booda illee rakkina hedduu dandamachuun isaan barbaachisa taʼa. Mata dureen kun sababiin isaa maal akka taʼe hubachuuf nu gargaara. Dabalataanis namoota rakkinni akkasii irra gaʼe jajjabeessu kan dandaʼu eenyufaa akka taʼe ilaalla. Dhuma irrattis, karaawwan jajjabina buʼa qabeessa taʼe kennuu itti dandeenyu tokko tokko irratti mariʼanna.