Miiljalee
e Daaʼimni miidhaan irratti raawwatame tokko, nama himatame sana falmachuuf jaarsolii duratti dhihaachuun matumaa isa hin barbaachisu. Mucaa sana dhiphina miiraa kan biraatiif saaxiluun utuu hin barbaachisin, warri isaa ykn namni amanamaa taʼe kan biraan himata sana jaarsolii duratti dhiheessuu dandaʼa.