Miiljalee
a Yihowaan Israaʼel durii keessatti bilisummaan akka labsamu qophii addaa godhee ture. Qophiin kunis Iyobeeliyuu jedhama. Kiristiyaanonni Seera Musee jala hin jiran; taʼus Iyobeeliyuun hiika guddaa nuuf qaba. Mata duree kana keessatti Iyobeeliyuun bara durii qophii Yihowaan nuuf godhe akkamitti akka nu yaadachiisuu fi qophii kana irraa akkamitti fayyadamuu akka dandeenyu ilaalla.