Miiljalee
a Phaawulos ergamaan jireenya isaa keessatti rakkoowwan hedduun isa mudataniiru. Yeroowwan rakkisaa taʼanitti, namoonni isa wajjin hojjetan tokko tokko madda jajjabinaa guddaa isaaf taʼaniiru. Mata duree kana keessatti namoonni isa wajjin hojjetan kun warra kaan jajjabeessuu irratti buʼa qabeessa akka taʼan amaloota isaan gargaaran sadi irratti mariʼanna. Akkasumas karaawwan qabatamaa taʼaniin fakkeenya isaanii hordofuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe ilaalla.