LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN

Miiljalee

a Maqaawwan mataduree kana keessatti caqasaman jijjiiramaniiru

Kitaaba Qulqulluu keessatti jechi halalummaa jedhu, saalqunnamtii raawwachuu qofa utuu hin taʼin, qaama saalaa nama kan biraa sukkuumuu, akkasumas karaa afaanii fi karaa munnee saalqunnamtii raawwachuu dabalata.

WAXABAJJII 10-16

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU FAARFANNAA 48-50

Warri, Amantiin Maatiin Keessan Jaarmiyaa Yihowaarratti Qabu Akka Cimu Godhaa

w22.03 22 key. 11

Waaqeffannaa Dhugaan Gammachuu Siif Argamsiisa

11 Dubbii Yihowaa yeroo qoʼannuu fi waaʼee isaa ijoollee keenya yeroo barsiisnu isa waaqeffachaa jirra. Israaʼelotaaf guyyaan Sanbataa carraa hojii isaanii irraa itti boqotanii fi walitti dhufeenya Yihowaa wajjin qaban itti cimsatan isaaniif argamsiiseera. (Bau. 31:16, 17) Namoonni amanamoon isaan gidduutti argaman ijoollee isaanii waaʼee Yihowaa fi gaarummaa isaa ni barsiisu turan. Nutis Dubbii Waaqayyoo dubbisuu fi qoʼachuuf yeroo ramaduu qabna. Kun kutaa waaqeffannaa Yihowaadhaaf dhiheessinuuti, isatti dhihaachuufis nu gargaara. (Far. 73:28) Yeroo maatiidhaan qoʼannu dhaloonni haaraan, jechuunis ijoolleen keenya Abbaa keenya isa jaalala qabeessa taʼee wajjin walitti dhufeenya cimaa akka qabaatan gargaarra.—Faarfannaa 48:13 dubbisi.

w11 3/15 19 key. 5-7

Sababa Itti Gammaddan Qabdu

“Mandara Xiyoon naannaʼaa, ishees marsaa, riqaa dhagaa ishee keessatti ijaaramanis lakkaaʼaa! Dhaloota dhufutti akka himtaniifis dallaa ishee yaadaan qabaa, mana ishee warra jajjaboo keessa adeemaa!” (Far. 48:12, 13) Asirratti faarfatichi Israaʼeloonni Yerusaalemiin akka gaariitti akka ilaalan isaan jajjabeesseera. Maatiiwwan Israaʼel ayyaana waggaa waggaadhaan kabajamurratti argamuuf gara Yerusaalem dhaqanii mana qulqullummaa dinqisiisaa taʼe yommuu argan, gammachuun akkamii akka isaanitti dhagaʼamu tilmaamuu dandeessaa? Waan kana “dhaloota dhufutti” himuuf akka kakaʼan hin shakkisiisu.

Mootuu biyya Sheebaa, ishee jalqabarratti bulchiinsa gaariifi ogummaa guddaa Solomoon qabu shakkitee turte yaadi. Wantoonni isheen dhageesse dhugaa taʼuusaanii akka amantu kan ishee godhe maalidha? Mootuun tun, “Hamma ani ofii kootii dhufee isa argutti wanta anatti himame sana amanuu hin dandeenye” jettee turte. (2 Sen. 9:6) Eeyyee, wanta tokko ija keenyaan ‘arguun’ jijjiirama guddaa fiduu dandaʼa.

Ijoolleen keessan jaarmiyaa Yihowaa isa dinqisiisaa taʼe ijasaaniitiin akka ‘argan’ gargaaruu kan dandeessan akkamitti? Waajjirri damee Dhugaa Baatota Yihowaa naannoo keessan jira taanaan, dhaqxanii daawwachuuf carraaqqii godhaa. Fakkeenyaaf, Maandiiniifi Betaaniin bakki isaan itti guddatan Betʼel biyyasaaniitti argamurraa kiilomeetira 1,500 fagaata. Taʼus, warrisaanii ijoollee durbaa kanaa wajjin xinnummaasaaniitii kaasanii irra deddeebiʼanii daawwachuuf sagantaa baafatan. “Betʼeliin daawwachuu keenya dura, bakki kun baayʼee kan namatti ulfaatuufi maanguddoonni qofti keessa kan jiraatan nutti fakkaata ture” jedhaniiru. “Haataʼu malee, dargaggoota garaa guutuudhaan Yihowaa tajaajilaniifi gammachuudhaan hojjetan argineerra! Jaarmiyaan Yihowaa naannoo xiqqoo nuti jiraannurra balʼaa akka taʼe hubanneerra. Akkasumas, daawwannaan Betʼelitti goone karaa hafuuraa akka jabaannu nu gargaareera.” Maandiiniifi Betaaniin jaarmiyaa Waaqayyoo ilaaluunsaanii, qajeelchaa akka taʼan kan isaan kakaase yommuu taʼu, Betʼel keessatti yeroodhaaf tajaajiluufis mirga argataniiru.

w12 8/15 12 key. 5

Akka Lammii Mootummichaatti Jiraadhaa!

5 Seenaa barachuu. Namni lammii biyya tokkoo taʼuu barbaadu tokko, hamma tokko seenaa biyyichaa barachuu qaba. Namoonni lammii Mootummaa Waaqayyoo taʼuu barbaadanis hamma isaanii dandaʼame waaʼee Mootummichaa barachuu qabu. Fakkeenya ilmaan Qoraahi warra Israaʼel durii keessatti tajaajilaa turanii ilaalaa. Yerusaalemiifi bakka waaqeffannaashee, akkasumas seenaa magaalattii dubbachuun isaan gammachiisa ture. Wanti caalaatti isaan dinqisiise akkaataa manneen achi jiran itti ijaaraman utuu hin taʼin, magaalichaafi bakka waaqeffannaa sana ture. Yerusaalem handhuura waaqeffannaa dhugaa waan taateef, “mandara mootii guddichaa” jechuunis mandara Yihowaa turte. Waaʼee Seera Yihowaa barumsi kan kennamu iddoo kanattidha. Yihowaan gaarummaa kan argisiise namoota Mootii Yerusaalem jalatti bulaniif ture. (Faarfannaa 48:1, 2, 9, 12, 13 dubbisi.) Isinoo, akkasaanii waaʼee kutaa jaarmiyaa Yihowaa isa lafarra jiruu qayyabachuufi dubbachuuf fedhii qabduu? Waaʼee jaarmiyaa Waaqayyoofi akkaataa itti Yihowaan sabasaa deggeru caalaatti yommuu barattan, Mootummaan Waaqayyoo caalaatti isinii dhugooma. Kunis fedhiin misiraachoo Mootummichaa labsuuf qabdan akka guddatu godha.—Er. 9:24; Luq. 4:43.

Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu

it-2-E 805

Qabeenya

Israaʼelonni sooreyyii waan turaniif nyaataa fi dhugaatii gaʼaa qabu turan. (1Mo 4:20; Lal 5:18, 19) Akkasumas qabeenyi isaanii rakkoowwan sababii hiyyumaatiin dhufanirraa isaan eeguu dandaʼa ture. (Fak 10:15; Lal 7:12) Yihowaan Israaʼelonni jabaatanii hojjechuudhaan akka sooroman kaayyoo isaa ture. (Fak 6:6-11; 20:13; 24:33, 34 wajjin wal bira qabii ilaali) Taʼus, Waaqa isa madda qabeenya isaanii taʼe irraanfachuu fi qabeenya isaaniitti amanamuu akka hin jalqabne isaan akeekkachiisee ture. (Kes 8:7-17; Fr 49:6-9; Fak 11:4; 18:10, 11; Er 9:23, 24) Akkasumas, qabeenyi yeroo muraasaa akka turu (Fak 23:4, 5), akka furiitti Waaqayyoof kennamuudhaan duʼarraa isaan oolchuu akka hin dandeenye (Fr 49:6, 7), yeroo duʼanitti isaan fayyaduu akka hin dandeenye isaan yaadachiisee ture. (Fr 49:16, 17; Lal 5:15) Akkasumas, qabeenyaaf xiyyeeffannaa guddaa kennuun sobuu fi gowwoomsuutti akka nama geessu, darbees Yihowaa duratti fudhatama akka nama dhabsiisu isaanitti himameera. (Fak 28:20; Er 5:26-28 wajjin wal bira qabii ilaali; Er 17:9-11.) ‘Qabeenya isaanii isa gatii guddaa qabuun, Yihowaadhaaf ulfina akka kennanis’ jajjabeeffamaniiru.—Fak 3:9.

WAXABAJJII 17-23

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU FAARFANNAA 51-53

Dogoggora Cimaa Akka hin Raawwanneef Tarkaanfiiwwan Fudhachuu Dandeessu

w19.01 15 Key. 4-5

Garaa Keenya Eeggachuu kan Dandeenyu Akkamitti?

4 Fakkeenya 4:23 irratti, jechi “garaa” jedhu “keessa namummaa namaa” argisiisuuf itti hojjetameera. (Faarfannaa 51:6 dubbisi.) Karaa kan biraatiin, ‘garaan’ yaada dhuunfaa, miira, kakaʼumsaa fi fedhii keenya argisiisa. Garaan wanta alaan fakkaachuuf yaallu utuu hin taʼin, keessa keenyatti dhugumaan nama akkamii akka taane argisiisa.

5 Fayyummaan qaama keenyaa, barbaachisummaa keessa namummaa keenyaa kan ibsu akkamitti akka taʼe haa ilaallu. Tokkoffaa, qaamni keenya haala gaarii irra akka jiraatu eeguuf, nyaata gaarii filachuu fi yeroo hundumaa sochii qaamaa gochuu qabna. Haaluma wal fakkaatuun, garaan keenya inni fakkeenyaan ibsame fayyaa taʼee akka itti fufu gochuuf, yeroo hundumaa barreeffamoota Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼan dubbisuu fi Yihowaa irratti amantii akka qabnu argisiisuu qabna. Sochii akkasii gochuun wanta baranne hojii irra oolchuu fi waaʼee amantii keenyaa namootatti himuu dabalata. (Rom. 10:8-10; Yaq. 2:26) Lammaffaa, wanta alaan mulʼatu irratti hundaaʼuudhaan keessi keenya dhukkubsataa taʼus, fayyaa akka taanetti yaaduu dandeenya. Haaluma wal fakkaatuun, sochii tiʼookraasii guyyaa guyyaadhaan goonu irratti hundaaʼuudhaan, amantiin keenya cimaa akka taʼe yaaduu kan dandeenyu taʼus, hawwiin dogoggoraa keessa keenyatti guddachaa jiraachuu dandaʼa. (1 Qor. 10:12; Yaq. 1:14, 15) Seexanni yaada isaatiin nu faaluu akka barbaadu yaadachuu qabna. Keessumaa kana gochuuf kan yaalu akkamitti? Of eeguu kan dandeenyu hoo akkamitti?

w15 6/15 14 key. 5-6

Qulqulluu Taanee Jiraachuu Ni Dandeenya

5 Karaan Yihowaatti guutummaatti akka amanamnu itti argisiisnu inni guddaan, yaada xuraaʼaa moʼuuf akka nu gargaaru isa kadhachuu dha. Yihowaan kadhannaadhaan gara isaatti ennaa dhihaannu innis nutti dhihaata. Arjummaadhaan kakaʼee hafuura isaa waan nuu kennuuf, murtoon yaadawwan addaggummaa irraa fagaachuu fi qulqulluu taanee jiraachuuf goonu ni cima. Kanaafuu, wanta garaa keenya keessatti yaadnuun isa gammachiisuuf fedhii akka qabnu isatti haa himnu. (Far. 19:14) “Karaa nama miidhu,” jechuunis fedhii sirrii hin taanee fi gara cubbuutti nu geessu kam iyyuu adda baasnee akka beeknuuf akka nu qoru gad of qabnee isa ni gaafannaa? (Far. 139:23, 24) Qorumsi yeroo nu mudatu amanamummaa keenya eeguuf akka nu gargaaru yeroo hunda isa ni kadhannaa?—Mat. 6:13.

6 Akkaataan guddinaa keenya ykn amalli kanaan dura qabnu, amalawwan Yihowaan balaaleffatu akka jaallannu dhiibbaa nu irratti gochuu dandaʼa. Yeroo akkasiittis taanaan, Yihowaan karaa fudhatama qabuun isa tajaajiluu keenya akka itti fufnu jijjiirama barbaachisaa gochuuf nu gargaaruu dandaʼa. Daawit Mootichi kana hubatee ture. Baat-Sheebaa wajjin ejja erga raawwatee booda, “Garaa qullaaʼaa anaaf uumi, . . . Hafuura dhaabataas ana keessatti haaressi!” jechuudhaan Yihowaa kadhateera. (Far. 51:10, 12) Cubbuun, foon keenya isa dadhabaa gar malee hawwachuu kan dandaʼu taʼus, Yihowaan isaaf ajajamuuf fedhii akka qabaannu gochuu ni dandaʼa. Yaadni dogoggoraa nu keessatti yoo guddatee fi yaada keenya isa qulqulluu toʼachuu yoo barbaade illee, ajaja isaa akka fudhannuu fi ittiin jiraachuudhaan milkaaʼina akka argannu Yihowaan adeemsa keenya nuu qajeelchuu dandaʼa. Yihowaan wanti miidhaa geessisu kam iyyuu akka nu hin toʼanne gochuu ni dandaʼa.—Far. 119:133.

Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu

it-1-E 644

Doʼeeg

Doʼeeg nama biyya Edoom ajajaa tiksitoota Saaʼol turedha. (1Sa 21:7; 22:9) Doʼeeg, amantii Yihudii fudhachuu hin oolu. Tarii wareega waan qabuuf, gama taʼe tokkoon qulqulluu waan hin taaneef, ykn dhukkuba nadaayiitiin waan shakkameef taʼuu hin ooluu, ‘Yihowaa duraa akka hin deemnee’ fi Noob keessa akka turu godhamee ture; kanaan kan kaʼes yeroo Ahimelek inni luba olaanaa taʼe Daawitiif daabboo ilaalchaa fi goraadee Goliyaad kenneefitti arguu dandaʼeera. Yeroo booda yommuu Saaʼol tajaajiltoonni isaa isa irratti akka mariʼatan dubbatetti, Doʼeeg wanta Noobitti arge sana saaxileera. Achiis Saaʼol luba olaanaa fi luboota Noobitti argaman erga waamsisee fi Ahimelekiin erga gaafatee booda, tajaajiltoonni isaa luboota sana akka ajjeesan ajaje. Tajaajiltoonni isaa kun yommuu didanitti, Doʼeeg ajaja Saaʼolin mamii tokko malee luboota 85 ajjeese. Gocha hamaa kana erga raawwatee booda, Doʼeeg, dargaggoota, maanguddootaa fi beeyiladoota magaalaa Noob hundumaa balleesseera, akkasumas magaalatti barbadeesseera.—1Sa 22:6-20.

Daawit Faarfannaa 52​rratti kan barreesse waaʼee Doʼeeg akka taʼe, ibsa jalqabaa Faarfannichaa irraa hubachuu dandeenya. Akkana jedheera: “Arrabni kee akka haadduu kan qarame dha, hammina ni qopheessa, gowwoomsaas ni raawwata. Wanta gaarii caalaa wanta hamaa, wanta sirrii dubbachuu caalaas sobuu jaallatta. Yaa arraba gowwoomsituu taate nana, ati dubbii nama miidhu hundumaa ni jaallatta!”—Fr 52:2-4.

WAXABAJJII 24-30

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU FAARFANNAA 54-56

Waaqni Si Cina Jira

w06 8/1 23-24 key. 10-11

Waaqayyoon Sodaachuudhaan Ogeeyyii Taʼaa!

10 Yeroo tokko, Daawit baqatee gara magaalaa Gaat bakka dhaloota Goliyaad taateefi mootii Filisxeemotaa kan taʼe Akiishiin geggeeffamtuutti kooluu galee ture. (1 Saamuʼel 21:10-15) Tajaajiltoonni mootichaas Daawit diina sabasaanii akka taʼe dubbachuudhaan isa himatan. Daawit haala sodaachisaa akkasii kana keessatti tarkaanfii akkamii fudhata laata? Wanta garaasaa keessa jiru kadhannaadhaan Yihowaaf ibse. (Faarfannaa 56:1-4, 11-13) Daawit rakkoo kana jalaa baʼuuf nama maraate of fakkeessuyyuu, carraaqqiisaa eebbisuudhaan kan isa oolchu Yihowaa taʼuusaa beeka ture. Guutummaatti Yihowaatti amanamuunsaa dhugumaan nama Waaqayyoon sodaatu taʼuusaa kan argisiisudha.—Faarfannaa 34:4-6, 9-11.

11 Akkuma Daawit, nutis yeroo rakkoon nurra gaʼutti akka nu gargaaru abdii inni nuu kennetti amanuudhaan Waaqayyoon akka sodaannu argisiisuu dandeenya. Daawit “Karaa kee Waaqayyotti kennadhu, isa amanadhu! Innis siif in raawwata” jechuudhaan dubbateera. (Faarfannaa 37:5) Kana jechuun garuu, rakkoowwan hundumaa harka Yihowaatti kennuudhaan, wanta gochuun nurra jiru utuu hin godhin furmaata akka nuu kennu eegna jechuu miti. Daawit kadhachuu qofaan harkasaa maratee hin teenye. Humnaafi dandeettii Yihowaan isaaf kennetti fayyadamee, rakkoo isarra gaʼe moʼuu dandaʼeera. Taʼuyyuu, Daawit carraaqqiin namootaa qofti injifannoo akka hin argamsiisne hubatee ture. Nutis kana hubachuu qabna. Wanta gochuu dandeenyu hundaa erga goone booda, isa hafemmoo Yihowaatti dhiisuu qabna. Dhugaadha, yeroo baayʼee Yihowaatti amanamuudhaan alatti wanti gochuu dandeenyu hin jiru taʼa. Yeroon kun dhuguma Waaqayyoon akka sodaannu argisiisuuf carraa nuu bana. Jecha Daawit: “Waaqayyo warra isa sodaatanitti, yaada isaa isa dhokataa iyyuu in beeksisa” jechuudhaan dubbaterraa jajjabina arganna.—Faarfannaa 25:14.

cl 292 key. 9

Wanti Kam Iyyuu ‘Jaalala Waaqayyoo Irraa Gargar Nu hin Baasu’

9 Yihowaan jabaannee dhaabachuu keenyaafis iddoo guddaa kenna. (Maatewos 24:13) Seexanni, Yihowaa irraa akka fagaattu akka barbaadu yaadadhu. Guyyaa guyyaadhaan amanamaa taatee jiraachuun kee, Yihowaan arrabsoo Seexanaatiif deebii akka kennu godha. (Fakkeenya 27:11) Jabaatanii dhaabachuun yeroo tokko tokko salphaa miti. Dhibeen fayyaa, rakkinni dinagdee, dhiphinnii fi rakkinni kan biraan guyyaa guyyaadhaan qorumsa sitti taʼuu dandaʼa. Abdiin lafa irra harkifamus gammachuu si dhabsiisuu dandaʼa. (Fakkeenya 13:12) Rakkoowwan akkasii keessatti jabaattee dhaabachuun kee Yihowaa biratti gatii guddaa qaba. Daawit Mootichi Yihowaan imimmaan isaa “qalqalloo” keessatti akka walitti isaaf qabu erga gaafatee booda, “inni kitaaba kee keessatti galmeeffameera mitii?” jechuudhaan amanannaa qabu ibseera. (Faarfannaa 56:8) Eeyyee, Yihowaan carraaqqii isaaf amanamoo taʼuuf goonuu wajjin haala wal qabateen, imimmaan dhangalaasnuu fi rakkina dabarsinu hunda ni yaadata; bakka guddaas ni kennaaf. Wantoonni kun Yihowaa biratti iddoo guddaa qabu.

w22.06 18 key. 16-17

Jaalalli Sodaa Moʼuuf kan Nu Gargaaru Akkamitti?

16 Seexanni jireenya keenyaaf iddoo guddaa akka kenninu beeka. Haa taʼu malee, inni lubbuudhaan jiraachuuf jennee michummaa Yihowaa wajjin qabnullee aarsaa akka goonu dubbateera. (Iyo. 2:4, 5) Wanti Seexanni dubbate sobadha. Taʼus, inni, “isa duʼa fiduuf humna qabu sana” waan taʼeef, Yihowaa akka dhiisnu gochuuf sodaa uumamaan qabnu kanatti fayyadamuuf yaala. (Ibr. 2:14, 15) Yeroo tokko tokko bakka buutonni Seexanaa amantii isaanii yoo ganuu baatan akka isaan ajjeesan tajaajiltoota Yihowaa sodaachisu. Yeroo kan biraattimmoo, Seexanni ejjennoo keenya akka laaffisnu gochuuf dhukkuba cimaa nu mudatetti fayyadamuuf yaala. Ogeeyyiin fayyaa fi miseensonni maatii keenya hin amanne, seera Waaqayyoo cabsinee dhiiga akka fudhannu dhiibbaa nurratti godhu taʼa. Yookiin immoo, namni kan biraan yaalii fayyaa Kitaaba Qulqulluu wajjin wal hin simne akka fudhannu nu amansiisuuf yaala taʼa.

17 Duʼuu kan hin barbaanne taʼus Yihowaan yoo duunellee nu jaallachuu isaa akka itti fufu beekna. (Roomaa 8:37-39 dubbisi.) Yihowaan michoota isaa duʼan akka waan lubbuudhaan jiraniitti yaadata. (Luq. 20:37, 38) Gara jireenyaatti isaan deebisuufis ni hawwa. (Iyo. 14:15) ‘Jireenya bara baraa akka qabaannuuf’ jecha gatii guddaa kaffaleera. (Yoh. 3:16) Yihowaan baayʼee akka nu jaallatuu fi akka nuuf yaadu beekna. Kanaafuu, yeroo dhukkubsannutti ykn yeroo duʼaaf saaxilamnutti Yihowaarraa fagaachuu mannaa, jajjabina, ogummaa fi cimina argachuuf isatti dhihaanna. Vaalarii fi abbaan manaa ishiis kana godhaniiru.—Far. 41:3.

Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu

it-1-E 857-858

Dursanii Beekuu, Dursanii Murteessuu

Gochi gantummaa Yihudaa Asqorotuun raawwate, raajiin Waaqni dubbate raawwii isaa akka argatu taasiseera. Yihowaa fi ilmi isaa wanta tokko dursanii beekuu akka dandaʼanis argisiiseera. (Fr 41:9; 55:12, 13; 109:8; HoE 1:16-20) Garuu Waaqni dursee Yihudaan gantuu akka taʼu murteesseera jechuun hin dandaʼamu. Raajiiwwan dubbataman michuun Yesuus tokko akka isa ganu dubbatu malee, michuun isaa isa ganu eenyu akka taʼu hin dubbatan. Kana malees yaadni, Waaqni gocha Yihudaa dursee murteesseera jedhu qajeelfama Kitaaba Qulqulluu wajjin walitti buʼa. Phaawulos qajeelfama Waaqayyoo ilaalchisee, “Nama kam irra iyyuu ariifattee harka kee hin kaaʼin; cubbuu namoota kaanii irrattis hin hirmaatin; qulqullummaa kee eeggadhu” jedhee barreesseera. (1Xi 5:22; 3:6 wajjin wal bira qabii ilaali) Yesuus ergamoota isaa 12n filachuu isaa dura halkan guutuu gara Abbaa isaatti kadhannaa dhiheessaa buluunsaa, filannaan inni godhe ogummaarratti kan hundaaʼee fi sirrii taʼuu isaa mirkaneeffachuuf carraaqqii cimaa akka inni godhe argisiisa. (Luq 6:12-16) Yihudaan gantuu akka taʼuuf dursee murteeffameera yoo taʼe, qajeelfama Waaqayyoo wajjin wal faallessaa, akkasumas akka seerichaatti cubbuu namni sun raawwate irratti hirmaachuu taʼa.

Kanaafuu Yihudaan, ergamaa akka taʼuuf yommuu filatametti wanti garaa gantuu akka qabu argisiisu hin jiru. Yihudaan ‘hiddi summaaʼaan keessa isaatti biqiluudhaan’ akka isa mancaasu heyyameera. Kanaan kan kaʼes qajeelfama Waaqayyoo dhiisee, qajeelfama Diyaabilos fudhachuudhaan hattuu fi gantuu taʼeera. (Ibr 12:14, 15; Yoh 13:2; HoE 1:24, 25; Yaq 1:14, 15; YIHUDAA Lakk. 4 [JUDAS No. 4] isa jedhu ilaali.) Ilaalchi dogoggoraa Yihudaan qabu kun sadarkaa taʼe irra yommuu gaʼu, Yesuus garaa isaa dubbisuudhaan gantuu akka inni taʼu dursee dubbateera.—Yoh 13:10, 11.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi