Miiljalee
a Yeroo harʼaatti tajaajiltoonni Yihowaa hedduun rakkoowwan sababa dullumaatiin dhufaniin kan kaʼe ni rakkatu; hedduun isaanii immoo dhibeewwan fayyaa hammaachaa deemanii wajjin jiraachuuf dirqamaniiru. Darbee darbee hundi keenya dadhabbiin nutti dhagaʼama. Kanaafuu, yaanni fiigicha jedhu kan nama sodaachisu fakkaachuu dandaʼa. Mata dureen kun hundi keenya jabinaan fiiguu fi dorgommii jireenyaa Phaawulos ergamaan waaʼee isaa dubbate irratti moʼuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe ibsa.