Miiljalee
a Namoonni waggoota dheeraadhaaf amanamummaadhaan Yihowaa tajaajilaa turan tokko tokko maaliif suutuma suuta gumii irraa fagaatu? Waaqayyo waaʼee isaanii maaltu itti dhagaʼama? Mata dureen kun deebii gaaffiiwwan kanaa ibsa. Akkasumas akkaataa Yihowaan bara duriitti namoota yeroo muraasaaf isa irraa fagaatanii turan tokko tokko itti gargaare irraa maal barachuu akka dandeenyu ibsa.