Miiljalee
a Nama tokko waa barsiisuu jechuun ‘karaa haaraa ykn adda taʼeen akka yaadu, akka itti dhagaʼamu ykn akka hojjetu’ gargaaruu jechuu dha. Caqasni waggaa keenya 2020, Maatewos 28:19, namoonni barattoota Yesuus Kiristoos cuuphaman akka taʼaniif, Kitaaba Qulqulluu Qoʼachiisuu fi barsiisuun hammam barbaachisaa akka taʼe nu yaadachiisa. Mata duree kanaa fi itti aanu irratti hojii baayʼee barbaachisa kana irratti fooyyaʼiinsa gochuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe ilaalla.