Miiljalee
a Wanta kanaan dura dabarsine yaadachuun gaarii dha. Taʼus, haala amma keessa jirru irraa fayyadamuu hamma dadhabnutti ykn wanta fuulduratti taʼu hamma irraanfannutti wanta kanaan dura dabarsine irratti xiyyeeffachuu hin barbaannu. Mata dureen kun kiyyoowwan wanta kanaan dura dabarsine irratti akka xiyyeeffannu nu gochuu dandaʼan sadii ibsa. Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu fi fakkeenyota bara keenyaa kiyyoowwan kunneen irraa fagaachuuf nu gargaaran ilaalla.