Miiljalee
b IBSA FAKKII: Poolisoonni obboleessa tokko mana isaa dhaqanii isa qaban. Haati manaa fi intalli isaa yommuu isaan isa fuudhanii deeman ilaalaa jiru. Abbaan manaa, mana hidhaa yommuu jirutti, obboloonni obboleettii sanaa fi intala ishii wajjin Yihowaa waaqeffachaa jiru. Haatii fi intalli ishii Yihowaan jabina qorumsa isaan irra gaʼe dandamachuuf isaan dandeessisu akka isaaniif kennu irra deddeebiʼanii kadhachaa jiru. Yihowaanis nagaa keessaa fi ija jabina isaaniif kenneera. Kanaan kan kaʼes amantiin isaanii caalaatti cimeera; qorumsa isaan irra gaʼes gammachuudhaan dandamataniiru.