Miiljalee
a Yihowaan warra kaaniif akka lallabnu qofa utuu hin taʼin, wanta Yesuus ajaje hunda akka eeganis akka isaan barsiisnu mirga nuuf kenneera. Warra kaan barsiisuuf maaltu nu kakaasa? Hojii lallabuu fi barattoota gochuu irratti yommuu hirmaannu rakkoowwan akkamii nu mudachuu dandaʼu? Rakkoowwan kana moʼuu kan dandeenyu hoo akkamitti? Mata dureen kun gaaffiiwwan kanaaf deebii kenna.