Miiljalee
c IBSA FAKKII: Namni tokko Kitaaba Qulqulluu qoʼachuun isaa jireenya isaa kan jijjiiru akkamitti akka taʼe ilaali: Jalqaba irratti jireenyi nama kanaa kaayyoo kan hin qabne ture, akkasumas namni kun Yihowaa hin beeku ture. Achiis, Dhugaa Baatonni Yihowaa isaaf lallaban, innis qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu jalqabe. Wanti barates of murteessee cuuphamuuf isa gargaareera. Yeroo booda immoo innis namoonni kaan barattoota akka taʼan gargaaruu jalqabe. Dhuma irratti, hundi isaanii gammachuudhaan Jannata keessa jiraachaa jiru.