Miiljalee
a Obboleessi yeroo dheeraadhaaf Yihowaa tajaajilaa ture tokko, ‘Sirna hamaa kana keessatti nan dullooma jedhee matumaa yaadee hin beeku’ yeroo jedhu dhageessee beektaa? Hundi keenya iyyuu keessumaa yeroo rakkisaa taʼe kana keessatti Yihowaan addunyaa hamaa kana akka balleessu ni hawwina. Taʼus, obsa qabaachuu qabna. Mata duree kana keessatti dhugaawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu obsaan eeguuf nu gargaaran ilaalla. Kallattiiwwan obsaan Yihowaa eeguun itti nu barbaachisu lama irrattis ni mariʼanna. Dhuma irratti immoo, eebba namoonni obsaan eeggatan argatan ilaalla.