Miiljalee
b IBSA FAKKII: Obboleettiin takka ijoollummaa ishiitii kaastee yeroo hundumaa Yihowaa kadhachaa jirti. Ijoollummaa ishiitti warri ishii akkamitti kadhachuu akka dandeessu ishii barsiisaniiru. Dargaggummaa ishiitti qajeelchituu taatee tajaajiluu jalqabde, akkasumas Yihowaan tajaajila ishii akka ishiif eebbisuuf yeroo hundumaa isa kadhatti turte. Waggoota hedduu booda yeroo abbaan manaa ishii baayʼee dhukkubsatetti, humna haala isaa dandamachuuf isaan barbaachisu akka isaaniif kennuuf Yihowaa cimsitee kadhachaa jirti. Erga abbaan manaa ishii irraa duʼee booda yeroo ammaatti Abbaan ishii inni samii akkuma kanaan duraa kadhannaa ishiitiif deebii akka kennu isatti amanamuudhaan irra deddeebitee isa kadhachuu ishii itti fufteetti.