Miiljalee
a Yihowaa baayʼee waan jaallannuuf, tajaajila isaa keessatti wanta dandeenyu hundumaa gochuu barbaanna. Tajaajila keenya balʼifachuuf ykn gumii keessatti mirga dabalataa argachuuf carraaqqii kan goonus kanaafi. Haa taʼu malee, hamma dandeenyu carraaqqii goonus galma yaanne bira gaʼuu hin dandeenye yoo taʼe hoo? Yeroo kanatti tajaajila Yihowaa keessatti buʼa qabeeyyii taanee itti fufuu fi gammachuu keenya eeggachuu kan dandeenyu akkamitti? Deebii gaaffii kanaa fakkeenya Yesuus waaʼee taalaantii dubbate irraa arganna.