Miiljalee
a Yeroo namoonni misiraachicha dhagaʼan ni gammanna, yeroo dhagaʼuu didan immoo ni gaddina. Namni Kitaaba Qulqulluu qoʼachiistu tokko guddina hin godhu yoo taʼe ykn nama tokko qoʼachiisuudhaan akka cuuphamu gargaartee hin beektu yoo taʼe hoo? Hojii barattoota gochuu irratti milkaaʼina akka hin arganne sitti dhagaʼamuu qabaa? Mata duree kana keessatti tajaajila keenya irratti milkaaʼina argachuu ni dandeenya kan jennu maaliif akka taʼee fi namoonni nu dhagaʼanis nu dhagaʼuu baatanis gammachuu keenya eeggannee itti fufuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe ilaalla.