Miiljalee
a Caqasni waggaa bara 2022 Faarfannaa 34:10 irraa kan fudhatame yeroo taʼu, ‘Warri Yihowaa barbaaddatan wanti gaariin tokko illee isaanitti hin hirʼatu’ jedha. Tajaajiltoonni Yihowaa amanamoon hedduun qabeenyi isaan qaban muraasa dha. Maarree, “Wanti gaariin tokko illee isaanitti hin hirʼatu” kan jennu maaliifi? Hiika caqasa kanaa hubachuun keenya rakkoowwan gara fuulduraatti nu mudataniif kan nu qopheessu akkamitti?