Miiljalee
a Abdiin keenya samii irra jiraachuus taʼe lafa jannata taatu irra jiraachuu waggaa waggaadhaan Ayyaana Yaadannoo irratti argamuuf ni hawwina. Mata duree kana keessatti, sababiiwwan quubsaa ayyaana kana irratti itti argamnu ilaalla; ayyaanicha irratti argamuun keenya kan nu fayyadu akkamitti akka taʼes ni ilaalla.