Miiljalee
a Ulaagaa cuuphamuuf barbaachisu guutuuf, namummaa keenya irratti jijjiirama gochuuf fedhii qabaachuu qabna. Mata dureen kun, namummaa moofaan maal akka taʼe, of irraa baasnee gatuun kan nu barbaachisu maaliif akka taʼee fi kana gochuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe hubachuuf nu gargaara. Mata dureen itti aanu immoo, erga cuuphamnee booda illee, namummaa haaraa uffachuu keenya itti fufuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe ibsa.