Miiljalee
a Yihowaan mulʼatawwan baayʼee dinqisiisoo taʼan muraasa Zakkaariyaas raajichatti argisiiseera. Wanti Zakkaariyaas arge isaafis taʼe saba Yihowaatiif cimina argamsiiseera; kun immoo rakkinoota yommuu waaqeffannaa qulqulluu deebisanii hundeessuuf carraaqqii godhanitti isaan mudatan moʼuuf isaan gargaareera. Mulʼatawwan kun rakkoowwan kan nu mudatan taʼus amanamummaadhaan Yihowaa tajaajiluuf nu gargaaru. Mata duree kana keessatti, barumsawwan guguddaa mulʼata Zakkaariyaas waaʼee baattuu ibsaa fi mukeetii ejersaa arge irraa barannu ilaalla.