Miiljalee
a Yeroon keessa jiraannu yeroo adda taʼe dha. Raajiiwwan kitaaba Mulʼataa keessatti argaman yeroo harʼaatti raawwii isaanii argachaa jiru. Raajiiwwan kun kan nu ilaallatan akkamitti? Mata duree kanaa fi mata dureewwan itti aanan lamaan irratti qabxiilee kitaaba Mulʼataa keessatti argaman tokko tokko irratti mariʼanna. Mata dureewwan kun wantoota kitaaba Mulʼataa keessatti ibsaman hojii irra oolchuudhaan waaqeffannaan keenya Yihowaa biratti fudhatama akka qabaatu gochuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe hubachuuf nu gargaaru.