Miiljalee
a Solomoonii fi Yesuus ogummaa guddaa qabu turan. Maddi ogummaa isaanii Yihowaadha. Mata duree kana keessatti maallaqaaf, hojii fi ofii keenyaaf ilaalcha madaalamaa qabaachuu ilaalchisee gorsa Solomoonii fi Yesuus geggeessaa hafuura qulqulluutiin kennan irraa maal akka barannu ilaalla. Obboloonni keenya tokko tokko gorsa Kitaabni Qulqulluun gama kanaan kennu hojiirra oolchuudhaan faayidaa kan argatan akkamitti akka taʼes ni ilaalla.