Miiljalee
a Yihowaan cubbamoota yaada geddarataniif dhiifama gochuuf fedhii guddaa qaba. Kiristiyaanota waan taaneef yeroo namni tokko nu mufachiisu fakkeenya isaa hordofuu barbaanna. Mata duree kana keessatti cubbuuwwan dhuunfaatti dhiifama gochuu qabnuu fi cubbuuwwan jaarsoliitti himuu qabnu ilaalla. Yihowaan dhiifama akka waliif goonu kan barbaadu maaliif akka taʼee fi yeroo akkas goonu eebba akkamii akka argannus ni ilaalla.