Miiljalee
a Dhiironni, dubartoonnii fi ijoolleen miliyoonaan lakkaaʼaman yeroo ammaatti misiraachicha hinaaffaadhaan lallabaa jiru. Atoo isaan keessaa tokkodhaa? Taanaan, ajaja Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos jalatti hojjechaa jirta jechuudha. Mata duree kana keessatti ragaa Yesuus yeroo harʼaatti hojii lallabaa kana geggeessaa akka jiru argisiisu ilaalla. Kanarratti xiinxaluun keenya qajeelfama Kiristoos jala taanee Yihowaa tajaajiluu keenya itti fufuuf akka kutannu nu kakaasa.