Miiljalee
a Yihowaan yeroo gara fuulduraa ilaalchisee abdii dinqisiisaa nuu kenneera. Abdiin kun jireenyi keenya gammachiisaa akka taʼuu fi rakkina yeroo ammaatti nu mudaturratti akka hin xiyyeeffanne nu gargaara. Rakkinni akkamiiyyuu yoo nu mudate humna amanamoo taanee itti fufuuf nu gargaara nuuf kenna. Yaadawwan sammuu keenya mancaasanirraas nu eega. Akkuma mata duree kana keessatti ilaallu, sababiiwwan kun abdii keenya cimsachuuf nu kakaasu.