Miiljalee
a Qorumsa cimaa keessa yeroo jirru milkaaʼina akka argannetti of hin ilaallu taʼa. Milkaaʼina akka argannetti kan yaannu qorumsi sun erga darbee booda taʼuu dandaʼa. Haa taʼu malee, wantoonni jireenya Yoseef keessatti raawwataman barumsa guddaa tokko nu barsiisu: Yihowaan qorumsa keessa utuma jirtuullee milkaaʼina akka argannu nu gargaara. Mata dureen kun Yihowaan kan nu gargaaru akkamitti akka taʼe ibsa.