Miiljalee
a Tajaajiltoonni Yihowaa hundi Dubbii isaa guyyaa guyyaadhaan dubbisuuf carraaqqii godhu. Namoonni kan biroon hedduunis Kitaaba Qulqulluu ni dubbisu; taʼus, wanta dubbisan hubachuun isaanitti ulfaata. Bara Yesuusittis namoonni akkasii jiru turan. Wanta Yesuus namoota Dubbii Waaqayyoo dubbisaniin jedhe qoruudhaan barumsa dubbisa Kitaaba Qulqulluu keenyarraa caalaatti fayyadamuuf nu gargaaru arganna.