Miiljalee
a Namoonni yeroo harʼaa jiran hedduun abdii Kitaaba Qulqulluu addunyaa haaraan akka dhufu ibsu hin amanan. Waadaan kun abjuu, sheekkoo fi wanta raawwatamuu hin dandeenye akka taʼe isaanitti dhagaʼama. Nuti garuu waadaan Yihowaan gale hundi akka raawwatamu shakkii tokkollee hin qabnu. Taʼus, amantiin keenya cimaa taʼee akka itti fufuuf carraaqqii gochuu qabna. Mata dureen kun kana gochuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe ibsa.