Miiljalee
a Giidewon saba Yihowaa akka tiksuu fi akka eegu kan muudame seenaa saba Israaʼel keessatti yeroo baayʼee rakkisaa taʼe keessatti ture. Giidewon gara waggaa 40tiif itti gaafatamummaa isaa kana amanamummaadhaan raawwateera. Taʼus, haalli rakkisaa hedduun isa mudatee ture. Mata duree kana keessatti, jaarsoliin yeroo harʼaa jiran yeroo qorumsi isaan mudatu fakkeenyi isaa isaan gargaaruu kan dandaʼu akkamitti akka taʼe mariʼanna.