Miiljalee
a Yihowaa tajaajiluu kan jalqabne dhiheenyattis taʼe yeroo dheeraa dura hundi keenyayyuu guddina gochuu keenya itti fufuu dandeenya. Mata duree kana keessatti jaalala Yihowaa fi warra kaaniif qabnu guddifachuudhaan kana gochuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe mariʼanna. Mata duree kanarratti yeroo xiinxaltu hamma harʼaatti guddina hammamii akka gootee fi gara fuulduraatti guddina dabalataa gochuu kan dandeessu akkamitti akka taʼe yaadi.