Miiljalee
a Haalli addunyaa hammamiyyuu hammaachaa yoo deeme gara fuulduraatti yeroo gammachiisaan akka nu eeggatu amantii qabaachuu dandeenya. Raajii Kitaaba Qulqulluu qoʼachuudhaan amantii akkasii qabaachuu ni dandeenya. Mata dureen kun raajiiwwan Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu kan qabnu maaliif akka taʼe ibsa. Raajiiwwan Daaniʼel barreesse lamaa fi raajiiwwan kana hubachuun keenya dhuunfaatti kan nu fayyadu akkamitti akka taʼes ni ilaalla.