Miiljalee
a Kun haala adda taʼedha. Yeroo harʼaatti, Yihowaan namni tokko hiriyaan gaaʼelaasaa ejja yoo raawwatte wajjin jiraachuusaa akka itti fufu isarraa hin eegu. Yihowaan abbaan manaa ykn haati manaa tokko hiriyaan gaaʼelaasaanii ejja yoo raawwate yoo barbaadan hiikuu akka dandaʼan jaalalaan kakaʼee karaa Ilmasaa qajeelfama kenneera.—Mat. 5:32; 19:9.